Fana: At a Speed of Life!

Haaromsa Magaalota Itiyoophiyaa Yaada Haaraa Irratti Hundaa’e

Finfinnee, Hagayya 5, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan magaalaa’uummaa sirnaan bulchuuf, magaalota akkasumas jireenya lammiilee ammayyeessuuf tarsiimoo misooma magaalaa bu’a qabeessa ta’e hojiirra oolchaa jirti.

Hojiiwwan misooma magaalaa kun magaalota bareechuu qofa osoo hin taane, qaama tarsiimoo misooma biyyaalessaa itti fufiinsa qabu ta’uun xiyyeeffannoo olaanaadhaan raawwatamaa jiru.

Magaalota yaada magaalaa ammayyaa addunyaa waliin walsimsiisuun, bu’uuraalee misoomaa tajaajila uummataa, misooma koriidarii, misooma qarqara laggeenii fi iddoowwan magariisaa irratti hojiiwwan bal’aan hojjetamaniiru.

Misooma koriidarii keessatti daandiiwwan konkolaataa babal’isuun qofa osoo hin taane, daandiiwwan miilaa fi biskileetii akkasumas iddoowwan bashannanaa uummataa qulqullinaa fi sadarkaa olaanaadhaan ijaaraman.

Hojiiwwan misooma magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota biyyattii adda addaa keessatti gaggeeffamaa jiran, magaalota jireenyaaf mijatoo fi daawwattootaaf hawwataa ta’an uumuu irratti kallattii qabame agarsiisu.

Safartuun ijoo magaalaa ammayyaa, namoonni ittiin mijataa ta’een socho’an, itti bashannanan, itti hojjetanii fi keessa jiraatan naannoo mijataa uumuu dha.

Misooma qarqara lagaa Karaan Entotoo irraa kaasee hanga Qeebenaatti hojjetame dabalatee, Finfinneetti hojiiwwan misooma qarqara lagaa hedduu ijaan mul’atan raawwatamaniiru.

Misoomni kun qarqara lagaa duraan balfa, lolaa fi balaa fayyaa adda addaatiif saaxilamaa turan gara iddoowwan magariisaatti jijjiiruun, eegumsa naannoo fi guddina dinagdee walitti hidhuun akka danda’amu agarsiiseera.

Magaalaan ammayyaa fuula bareedaa qofaatiin hin madaalamu; carraa hojii, sochii daldalaa, geejjiba saffisaa fi mijataa akkasumas mijataa ta’uu invastimantiif qabuunis madaalama.

Kana ilaalchisee, hojiiwwan misooma magaalaa kun carraa hojii hedduu uumuu, guddina dandeettii fi jijjiirraa beekumsaa keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiru.

Keessumaa misoomni koriidarii fi qarqara lagaa, iddoowwan hawwata tuurizimii akkasumas ijaarsi wiirtuulee konfiransii, Finfinneen wiirtuu dipilomaasii ta’uu ishee daran cimsuun, keessumaa tuurizimii konfiransii irraa galii dinagdee olaanaa argamsiisaa jiru.

Misoomni kun Finfinnee qofa keessatti osoo hin daangeffamin gara magaalota biroo biyyattii babal’achaa jira. Kunis magaalonni tokko tokkoon isaanii wiirtuu misoomaa ta’anii hafuu mannaa, dameewwan daldalaa, tuurizimii, loojistikii, industirii fi tajaajilaa keessatti walitti akka hidhatan carraa uuma.

Ijaarsi magaalota ammayyaa bu’uura misoomaa tuurizimii fi invastimantii hawwatu, akkasumas dorgommii addunyaa irratti Itiyoophiyaan qabdu cimsu dha.

Magaalota itti fufiinsa qaban, magariisaa, namoota hundaaf dhaqqabamaa fi uummataaf mijatoo ta’an uumuuf hojiiwwan misoomaa gaggeeffamaa jiran, rakkoo har’aa furuun qofa osoo hin taane, Itiyoophiyaa borii keessatti hundeeffama magaalaaaf bu’uura kan kaa’an invastimantiiwwan tarsiimawaa dha.

Pirojektoonni misooma tuurizimii Finfinneetti hojjetaman tuurizimii magaalaa kakaasaniiru. Fakkeenyaaf, Paarkii Michummaa waggoota afran darban qofa keessatti galii Birrii biliyoona tokkootti dhihaatu argamsiiseera.

Pirojektoonni kunneen kallattiinis ta’e al-kallattiin carraa hojii fi fayyadamummaa dinagdee uumaa jiru.

Akka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad jedhanitti, iddoowwan tajaajila uummataa sirnaan karoorfaman guddina magaalaa keessatti gumaacha taasisuun, akkasumas namoota akkamitti walitti fiduu akka danda’an mirkaneessaa jiru.

Bakka haaraa Magaalaa Finfinnee fi magaalota biyyattii biroo keessatti ijaaraman, akkasumas ijaaramaa jiran, wiirtuulee gatii uumanii, carraa mijeessanii fi abbummaa Itiyoophiyaanotaa mirkaneessan ta’uu isaanii ibsaniiru.

Hayilamaariyaam Taganyiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.