Har’a Koolleejjii Poolisii Magaalaa Finfinneetti qondaaltota Poolisii marsaa 2ffaan leenji’aa turan 864 eebbisiisne- Aadde Adaanech Abeebee
Finfinnee, Hagayya 9, 2018 (FMC)- Har’a Koolleejjii Poolisii Magaalaa Finfinneetti qondaaltota Poolisii marsaa 2ffaan leenji’aa turan 864 eebbisiisneerra jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Eebbifamtoonni leenjii tiyooriifi gochaa naamuusa cimaan fudhachuu kaasanii, qaamaafi miiraan cimanii kan ba’an waan ta’eef sadarkaa qondaaltummaa poolisiin eebbifamaniiru jedhan.
Eebbifamtoonni beekumsa gonfataniin amanamummaan, gootummaan, namoomaafi kabajaan akka tajaajiltan amantaa guutuun qabas jedhaniiru.
#Oromia#Ethiopia