Hirmaattoonni Irreecha Hora Finfinnee kallattii garaagaraan Finfinnee seenaa jiru
Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC) – Hirmaattoonni Irreecha Hora Finfinnee, Irreecha guyyaa boruu mata duree ‘Irreecha waliigaltee biyyaalessaaf’ jedhuun kabajamurratti hirmaachuuf karrawwan shananiin Finfinnee seenaa jiru.
Keessummoota kutaalee biyyattii garaagaraarraa dhufan kanneeniif seensa hundaan simannaa ho’aan taasifamaafi jira.
Yeroo ammaa kana ammoo Kutaalee Magaalaa Finfinnee adda addaa keessatti simatamaa jiru.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa