Fana: At a Speed of Life!

Hojiin ajandaalee wal simsiisuu cimee itti fufeera- Komishinicha

Finfinnee, Hagayya 9, 2018 (FMC)- Hojiin ajandaalee wal simsiisuu cimee itti fufeera jedhe Komishiniin Marii Biyyaalessaa.

Gareewwan miseensota 500 qaban saddettan guyyaa kaleessaa yaadota furmaataa qopheessaniifi irratti waliif galan akka walsimsiisuufi gurmeessuuf garee miseensota 120 qabuuf dhiyeessuun ni yaadatama.

Guyyaa har’aas gareewwan miseensota garee 120 qaban irraa filataman 34 gareewwan xixiqqaa 8’tti qoqqoodamuun yaadota tokkoon tokkoo ajandaa gadi fageenyaan qorachaa ooluu komishinichi ibseera.

Miseensonni kunneen yaadonni ajandaalee garaagaraa jalatti irra deddeebiin ka’an akka hin jiraannef adda baasaa, yaadota ramaddii isaanii malee ka’an gara ramaddii isaaniitti deebisaa akkasumas hojii qulqulleessuu fi wal simsiisuu hojjechaa jiraachuu eereera.

Hojiin kun yaadota furmaataa ajandaa marii biyyaalessaa haala walfakkaataafi qulqullina qabuun gurmeessuuf kan gargaaru yoo ta’u adeemsi isaas hanga boruutti kan itti fufu ta’uu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.