Hojjettuu Faanaa Miidiyaa Korporeeshiin kan taate durbee Liidiyaa Fiqiree balaa tasaan addunyaa kanarraa du’aan boqotte
Finfinnee, Onkololeessa 13, 2019 (FMC) –Faanaa Miidiyaa Korporeeshinitti ogeettii damee Gabaa fi gurgurtaa kan taate durbee Liidiyaa Fiqiree balaa Konkolaataa ishee mudateen addunyaa kanarraa du’aan boqotteetti.
Durbee Liidiyaan guyyaa kaleessaa balaa Konkolaataa ishee mudateen addunyaa kanarraa du’aan boqotte.
Bara 1995 Godina Guraagee aanaa Chaha magaalaa Imdibiriitti kan dhalatte durbee Liidiyaa Fiqireen bara 2017 Yuunivarsiitii Waraabee Maneejimantii Maarkeetiingiin eebbifamte.
Hanga guyyaa kaleessatti ogummaa ittiin eebbifamteen Faanaa Miidiyaa Korporeeshinitti qaxaramtee tajaajilaa turte.
Dargaggeettiin umrii waggaa 24 Liydiyaan haati hiriyaa ishee boqochuu hordofee boo’icha gahuuf wayita gara bakka dhaloota ishee imalaa turte guyyaa kaleessaa Onkololeessa 12, 2019 balaa konkolaataa ishee mudatee addunyaa kanarraa du’aan boqotteetti.
Sirni awwaalcha ishees har’a Onkololeessa 13, 2019 bakka maatii, firroottanii fi hiriyoonni ishee argamanitti bakka dhaloota ishee Imdibiriitti raawwateera.
Faanaa Miidiyaa Korporeeshin maatii fi hiriyoota ishee hundaaf jajjabina hawwa.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa