Itiyoophiyaan pirojektii jalqabdee xumuruu akka dandeessu mirkaneessuu barbaachisa-Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkoloolessa 13, 2019(FMC)- Itiyoophiyaan dandeettii qabduun Pirojektii jalqabdee xumuruu akka dandeessu mirkaneessuu barbaachisa jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa pirojektii hidha jallisii Magaci eebbisiisaniiru.
Haasawa sirna eebba pirojektichaa irratti taasisaniin, hojii wayita eegallu Itiyoophiyaan dandeettii qabduun jalqabdee xumuruu; raawwachuu akka dandeessu mirkaneessuu barbaachisa jedhaniiru.
Kun immoo dandeettii ofii ijaaruu gaafata; dandeettiin ofii wayita ijaaramu ijoollee fi fedhii keenyaan karoorsinee raawwanna jechuun ibsaniiru.
Pirojektichi waggoota 19’f harkifachuu yaadachiisanii, maallaqa hedduu qisaasessaa, uummanni dheebuun rakkachaa xumuruu dadhabuun abaarsadha jechuun ibsaniiru.
Abaarsa kana gara eebbaatti jijjiiruuf baajata qofa osoo hin taane Kontiraaktara jijjiiruun, hojii dursee hojjetame kan ijaarsa hidhaaf hin madaalle diiguun waggoottan lamaan darbanitti ijaaramee xumuramuun guyyaa har’aa eebbaaf gahuu eeraniiru.
Xumuramuu pirojektichaatti gammaduu ibsanii, ammas jabaannee dandeettii qabnuun misooma Goondariifi naannichaa saffisiisuuf ni hojjenna jedhaniiru.
Waadaa seenne ni raawwanna; kan jalqabne ni xumurra; hojiin keenya biyya ijaaruu waliin kallattiin hidhata qaba jedhan haasawa isaaniin.
Mootummaan qaroomina Itiyoophiyaa cimsuuf kutannoon hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa