Fana: At a Speed of Life!

Imala misoomaa madaalawaa magaalaa fi baadiyyaatti…

Finfinnee, Hagayya 8, 2018(FMC) – Biyyi tokko badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu kan dandeessu, garaagarummaa misoomaa fi guddinaa magaalaa fi baadiyyaa gidduu jiru dhiphisuu yoo dandeesseendha.

Mootummaan Ida’amuu dhugaa bu’uuraa kana hubachuun, guddina biyyattii hunda galeessaaf baadiyyaa fi magaalaaf xiyyeeffannoo walqixa kennuun imaammataa fi tarsiimoo qopheessee hojiitti seeneera.

Tarsiimoon kun bifa magaalaa jijjiiruun jiraattotaaf mijataa fi hawwataa taasisuu qofa osoo hin taane, humna oomishtummaa baadiyyaa fi jireenya uummataa itti fufiinsaan jijjiiruuf kan akeekedha.

Kanaanis, biyyattii keessatti naannolee hundatti bu’aawwan jijjiiramaa qabatamaa mul’achaa jiru.

Damee misooma magaalaatiin imaammatoonni hojiirra oolan, magaalaawwan jiraattotaaf mijatoo, qulqulluu fi jireenya lammiileen walsimsiisuu akka galma guddaa tokkootti qabataniiru.

Hanqinoota bu’uuraalee misoomaa kanaan dura turan furuun, magaalaawwan jireenya lammiilee fooyyessan; paarkiiwwan uummataa, misooma magariisaa fi iddoowwan hawwata tuurizimii akka qabaatan taasifamaa jira.

Jijjiiramni kun dandeettii tuurizimii biyyattiin qabdus guddisaa jira.

Kanaanis damichi carraa hojii haaraa uumuun, sochii diinagdee kakaasee jiraattota kallattiin fayyadamoo taasisaa jira.

Gama biraatiin, tarsiimoowwan jireenya hawaasa baadiyyaa jijjiiruuf diriirfaman bu’a qabeeyyii ta’uu isaanii mirkaneessaa jiru.

Hojiileen jireenya qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa fooyyessuuf hojjetaman, keessumaa oomishtummaa qamadii irratti guddina olaanaa galmeessisaniiru.

Biyyattiin oomisha qamadiitiin of danda’uu bira darbitee, oomisha ishee gara gabaa alaa dhiheessuu danda’uun milkaa’ina tarsiimichaa agarsiisa.

Kana malees, oomishaan oomisha isaa gidduu-seentummaa daldaltootaa malee kallattiin fayyadamaaf dhiheessuu akka danda’uuf giddugaleeyyiin gabaa bal’inaan ijaaramaa jiru.

Qabeenya uumamaa naannolee adda addaa jiran adda baasuun, naannolee kanneen gara giddugaleeyyii oomisha qopheessanitti qindeessuu fi tajaajiloota bu’uuraa qaqqabamaa taasisuuf hojiileen bal’aan hojjetamaa jiranis jireenya baadiyyaa jijjiiraa jiru.

Walumaagalatti, imaammanni misooma madaalawaa Mootummaan Ida’amuu hordofu, walitti hidhamiinsa magaalaa fi baadiyyaa gidduu jiru cimsuun, lamaanuu misooma keessatti hirmaachisaa jira.

Magaalaawwan giddugaleeyyii tuurizimii fi jireenyaaf mijatoo ta’aa wayita jiran kanatti, baadiyyaan immoo utubaa diinagdee fi wabii nyaataa ta’ee tajaajilaa jira.

Tarsiimoon misoomaa baadiyyaa fi magaalaaf xiyyeeffannoo walqixaa kennu kun cimee itti fufuun, imala badhaadhinaa biyyattii milkeessee fayyadamummaa lammiilee gama hundaan jiru mirkaneessaa jira.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.