Irreechaan duudhaa waloo ijaarsaa fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuudha – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC) – Fooramiin Irreechaa 8ffaan mata duree “Irreechaa: Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Fooramicharratti argamuun ergaa kan dabarsan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen, Irreechaan duudhaa waloo ijaarsaa fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuudha jedhan.
Irreechi ayyaana galataa fi jaalalaa ta’uu eeran.
Duudhaaleen Ayyaana Irreechaa qabu waliigaltee biyyaalessaa uumuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasan.
Jiraattonni Magaalaa Finfinnee hirmaattota Irreecha Hora Finfinnee irratti hirmaatan simachuuf qophii taasisuu himan.
Irreechi aadaa, eenyummaa, seenaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa kan calaqqisiisu ta’uu dubbatan.
Irreechi wal kabajuu, wal dhaggeeffachuu, araara, obbolummaa fi nagaa cimsuuf gahee waan qabuuf ayyaana dhuunfaa osoo hin taane, ayyaana hawaasaa fi walitti dhufeenya uummataa akka ta’e eeran.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa