Fana: At a Speed of Life!

Irreechi Hora Finfinnee milkiin xumurame – Humna Walichaa

Finfinnee, Fulbaana 23, 2019 (FMC) – Irreechi Hora Finfinnee milkiin xumurame jedhe Humni Waloo Qindaa’aa Magaalaa Finfinnee.

Sirni kabaja Irreecha Hora Finfinnee bakka aanga’oonni mootummaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, abbaan Malkaa, ummanni bal’aan, sabaaf sablammoonni, lammiileen biyya alaa, dippiloomaatoonnii fi Turistoonni hedduun argamanitti akkaataa duudhaa fi aadaa isaa eegeen kabajamuu ibsi humnichi.

Qaamolee ayyaannichi karaa namuusa qabuu fi miidhagaa ta’een akka kabajamu qooda bahatan hunda galateeffateera.

Irreechi Hora Harsadiis milkiin akka xumuramu qophiin barbaachisu xumuramuu hime.

Yeroo ammaas hirmaattoonni kutaalee biyyattii garagaaraarraa dhufan gara Magaalaa Bishooftuu imalaa jiraachuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.