Itiyoophiyaa fi Keeniyaan hariiroo loltummaa cimsuuf mari’atan
Finfinnee, Hagayya 7, 2018 (FMC) – Hariiroo loltummaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaa waggoota dheeraaf ture cimsuu irratti mareen xiyyeeffate gaggeeffameera.
Keeniyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Jeneraal Baacaa Dabalee, Ajajaa Olaanaa Waraana Keeniyaa Jeneraal Chaarliis Kaahaariirii waliin dhimmoota biyyoota lamaanii irratti mari’ataniiru.
Mariin isaanii irra caalaa hariiroo loltummaa fi michummaa waliigalaa biyyoota lameenii cimsanii itti fufsiisuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu Imbaasiin Itiyoophiyaa Keeniyaa jiru ibseera.
Hariiroo waraanaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaa cimsuun nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf murteessaa ta’uun kan ibsame yoo ta’u, naannolee daangaa biyyoonni lameen waliin qooddatanitti hojiiwwan nageenyaa fi tasgabbii cimsanii itti fufsiisuun akka barbaachisu eerameera.
Kana malees, dhaabbilee waraanaa biyyoota lameenii gidduutti mariin sadarkaa hoggantoota olaanaatti gaggeeffamu yeroo yeroon itti fufuu akka qabu waliigalamuun ibsameera.
Hariiroo Itiyoophiyaa fi Keeniyaa gidduu jiru cimsuun nageenya, tasgabbii fi kabaja nageenyaa Gaanfa Afrikaa keessatti mirkaneessuuf gahee olaanaa akka qabus ibsameera.
#Oromia #Ethiopia