Kantiibaa Adaanech Abeebeen qaamolee milkaa’ina misooma qarqara lagaa Inxooxxoo- Qabbanaaf gaheesaanii bahatan galateeffatan
Finfinnee, Waxabajjii 22, 2018(FMC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen qaamolee milkaa’ina misooma qarqara lagaa Inxooxxoo- Qabbanaaf gaheesaanii bahatan galateeffataniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen miidiyaa hawaasummaa isaaniin pirojektiin misooma qarqara lagaa Inxooxxoo- Qabbanaa milkaa’inaan xumuramuu hordofee ergaa baga gammaddaniifi galateeffannaa dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin pirojektichi ashaaraa cululuqaa dhaloota egereef darbu ta’uu ibsaniiru.
Bu’uuraaleen misoomaafi pirojektoonni gurguddoon magaalichatti ijaaramaa jiran kan hojjetaman baajata magaalichaan malee liqa yookaan kadhaan akka hin taane hubachiisaniiru.
Pirojektiin misooma qarqara laga Qabbanaas liqa alaa yookaan idaan akka hin ijaaramne eeruun, kaffaltoonni gibiraa magaalichaa, dhaabbileen faayinaansiifi galii sassaaban walitti ida’amuun tumsaan milkeessuu ibsan.
#Oromia #Ethiopia