Komiiwwan mari’attoota irraa dhiyaatan qorachuun murtoo itti kennina- Komishinicha
Finfinnee, Hagayya 7, 2018 (FMC) – komiiwwan hirmaattoota marii biyyaalessaarra dhiyaatan qorachuun murtoon kan itti kennamu ta’uu Komishinarri itti aantuun Komishinara Olaanaa komishinii Marii Biyyaalessaa Hiruut Gabramasqal ibsan.
Komishinar Hiruut haala yeroo ammaa Marii Biyyaalessaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Komishinichi komiiwwan namoota dhuunfaa fi gareewwan marii irraa dhiyaatan fudhachaa jiraachuu ibsuun, sirna marii keessatti komiiwwan ittiin furaman irratti hundaa’uun dhimmoota qorachaa murtii kennaa kan deeman ta’uu dubbataniiru.
Adeemsi marichaa akkaataa karoora komishinichaa irratti hundaa’uun gaggeeffamaa jiraachuu ibsuun, yeroo ammaa hojiiwwan karoorfaman keessaa harki sadii arfaffaa xumuramuu eeraniiru.
Adeemsa kana keessatti waliigaltee dhabuun hin jiru jechuun akka hin danda’amne ibsanii, waliigaltee dhabuunii fi walitti bu’iinsi uumamuun barbaachisummaa marii caalaatti akka hubatan isaan taasiseera jedhan.
Haa ta’u malee, hirmaattonni marii waliigaltee dhabuu fi walitti bu’iinsa uumaman wal dhaggeeffachuun furuu danda’uu himaniiru.
Kana malees, gareewwan tokkoon tokkoon isaanii hirmaattota 500 qaban yeroo dheeraaf mari’achaa turanii, yaada furmaataa irratti irra caalaan isaanii waliigaltee irra ga’an raggaasisanii Komishinichaaf dabarsuu ibsaniiru.
Komishinichi itti fufuun yaadota furmaataa dhumaa hirmaattota mariitiin raggaafaman uummataaf kan beeksisu ta’uu kaasaniiru.