Fana: At a Speed of Life!

Kutannoo Itiyoophiyaa walitti hidhamiinsa hundagaleessa Afrikaa cimsuuf

Finfinnee, Fulbaana 14, 2019(FMC)- Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa diinagdee naannawaa fi badhaadhina waloo Afrikaa mirkaneessuuf kutannoo olaanaan hojjechaa jirti.
 
Mootummaan Ida’amuu imammata alaa biyyoota ollaaf dursa kennu hojiirra oolcheen ollummaa gaarii cimsuurra darbee hariiroo diinagdee biyyoota kanneenii guddisuuf hojjechaa jira.
 
Imaammanni Alaa Itiyoophiyaa akkaataa faayidaa biyyaalessa kabachiisuun ollummaa gaarii, nageenyaa fi tasgabbii, badhaadhina fi tumsa waloo biyyoota Gaanfa Afrikaaf dursa kan kennuudha.
 
Biyyattiin ummattoota biyyoota ollaa ishee waliin guddina waloo fi tumsa naannawaa cimsuuf murannoo cimaa qabdi.
 
Itiyoophiyaan biyya ani qofti haa fayyadamu jettu osoo hin taane qajeeltoo fayyadamummaa waloof dursa kan kennitu, badhaadhina Afrikaaf biyya hojjechaa jirtudha.
 
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa hundagaleessa Afrikaa daran cimsuuf kutannoon hojjechaa akka jirtu Kanaan dura ibsuun isaanii ni yaadatama.
 
Ijaarsa pirojektii ujummoo boba’aa calalamaa daddabarsu Itiyoophiyaafi Jibuutii guyyaa har’aa eegaluu ilaalchisee ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniinis, Bu’uurri misoomaa Kun sarara ujummoo daddabarsa boba’aan olitti, invastimantii fi waloon misoomuu Afrikaanootaa bu’ura kan godhate ta’uu ibsan.
 
Guddina waaraa, walitti hidhamiinsaa fi diinagdee waloo amansiisaa caalmaatti kan guddisu carraa invastimantii bal’aa ta’uus eeraniiru.
 
Pirojektiin kun sarara Ujummoo boba’aa calalamaa Jibuutii Daamaarjoon irraa kaasee karaa Daawwalleen Itiyoophiyaa walqunnamsiisu diriirsuudha.
 
Sararichi kiiloomeetira 120 kan dheeratu yoo ta’u, faayidaaleen isaa:
 
Piroojektichi biyyoota lamaaniif faayidaa armaan gadii qaba.
 
• Baasii fi Yeroo Qusachuu: Gatii geejjibaa fi turtii yeroo boba’aa geessisuu irra jiru ni hir’isa.
 
• Wabii Annisaa Mirkaneessuu: Dhiheessiin boba’aa akka qilleensa irratti hin hafneef eegumsa cimaa godha.
 
• Koriidoora Cimsuu: Hariiroo daldalaa fi diinagdee Itiyoophiyaa fi Jabuutii gidduu jiru sadarkaa olaanaatti ceesisuu.
 
• Guddina Waloo: Invastimantii abbootii qabeenyaa Afrikaa tiin misooma biyyootaa guddisuuf tarkaan fi fudhatamedha.
 
Pirojektiin kun walta’iinsa qaamolee gurguddoo lamaan gaggeeffama:
 
1. Dhaabbata Invastimantii Mootummaa Itiyoophiyaa
 
2. Damee Dhaabbata Daangotee
 
Pirojektichi sarara Ujummoo qofa miti; garuu imala guddina fuulduraa, tokkummaa naannawaa fi misooma diinagdee waloo kan mirkaneessudha.
 
#Oromia #Ethiopia 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.