Fana: At a Speed of Life!

Loojiiwwan: Mootaroota Diinagdee

Finfinnee, Fulbaana 14, 2019 (FMC) – Har’a dameen tuurizimii Itiyoophiyaa boqonnaa haaraa irra jira.
 
Tarkaanfiiwwan mootummaan damee tuurizimii daddamaqsuufi gahee inni diinagdee biyyaa keessatti qabu guddisuuf fudhate bu’aa qabatamaa fiduu eegaleera.
 
Bakkewwan gahuumsa tuurizimii duraanii haaromsuu fi ammayyeessuu bira darbee, qabeenya uumamaa fi aadaa haaraa misoomsuun danda’ameera.
 
Keessumaa, loojiiwwan ammayyaa fi bakkewwan hawwataa tuurizimii iddoowwan adda addaatti ijaaraman, lakkoofsa tuuristootaa dabaluuf gahee olaanaa bahachaa jiru.
 
Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa, seenaa fi aadaa hedduu kan qabdu ta’us, qabeenyi kun waggoota dheeraaf gara faayidaa diinagdee qabatamaatti osoo hin jijjiiramin tureera.
 
Ijaarsi loojiiwwanii qabeenya dhokataa gara qabeenya qabatamaatti jijjiiruuf meeshaa barbaachisaa ta’anii tajaajilaa jiru.
 
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Muddee 1, 2016 Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Paarkii Biyyaalessaa Cabaraa Curcuraatti Loojii Arbaa Daanaa wayita ebbisan haasawaa taasisaniin, turistoonni duraan Itiyoophiyaa yeroo dhufan iddoowwan seenaa daawwatanii saffisaan bahaa turan, amma garuu loojiiwwan ammayyaa fi bakka boqonnaa ta’an ijaaramuun daawwattoonni guyyoota hedduuf akka turan isaan taasisa jechuun ibsaniiru.
 
Mootummaan waggoota darban keessatti pirojektoota Maaddiin Dhalootaafi fi Maaddiin Biyyaaf ijaare keessa, Halalaa Kellaa, Riizoortii Cabara Curcuraa, Loojii Haroo Dandii, loojii Beenunaa, Loojii Niin Lee, Loojii Ikkoo Wancii, Riizoortii Ikkoo Gorgoraa, Loojii Diinshoo, Riizoortii Konfiraansii Aarbaa Minci, Ikkoo Loojii Riiraa fi Loojiin Soof Umar guddina diinagdeef olka’iinsa guddaa ta’aniiru.
 
Loojiiwwan kunneen jijjiirama caasaa diinagdee Itiyoophiyaa keessatti mootaroota diinagdee haaraa ta’aniiru.
 
Tuurizimiin utubaalee diinagdee biyya shanan keessaa tokko ta’ee hojjetamaa waan jiruuf, sharafa alaa guddisuu, carraa hojii uumuu, invastimantii alaa hawwachuu, diinagdee daddamaqsuu fi tuurizimii biyya keessaa guddisuu keessatti bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira.
 
Lakkoofsi daawwattoota idil addunyaa waggaa waggaan dabalaa kan jiru yoo ta’u, bara 2018 turistoonni miiliyoona 1.6 ol Itiyoophiyaa daawwataniiru.
 
Kanarras galiin Doolara biiliyoona 6 argamuun ibsameera.
 
Kunis sharafa alaa biyyattii guddisuuf kan gargaaruudha.
 
Ijaarsi loojiiwwanii dargaggootaa fi hawaasa naannawicha keessa jiraniif kallattii fi alkallattiin carraa hojii bal’aa uumeera.
 
Kunis dameewwan hoteelaa, daawwachiistoota, gurgurtaa meeshaalee aadaa fi geejjibaa keessatti galii lammiilee fooyyeessaa jira.
 
Gama diinagdee naannawaa dadamaqsuun fi bu’uuraalee misoomaa babal’isuun, pirojektoonni kunneen naannolee itti ijaaraman keessatti daandii, bishaan qulqulluu, ibsaa fi bu’uuraalee teeleekoomii akka babal’atan taasisaa jiru.
 
Kunis sadarkaa jireenyaa hawaasa naannawichaa jijjiiraa jira.
 
Mootummaan invastaroonni dhuunfaa invastimantii tuurizimii keessatti akka hirmaatan gochuuf, imaammataan deeggaramuun haalota mijeessuu fi jajjabeessuun irratti hojjechaa jira.
 
Loojiiwwanii fi riizoortiiwwan hedduun misoomanis, invastaroota dhuunfaa fi mootummaa waliin ta’uun kan hojjetamanidha.
 
Yeroo dhiyoo asitti xiyyeeffannoo mootummaa irraa kennameen, sosochiin tuurizimii biyya keessaa guddina olaanaa agarsiisaa jira.
 
Kunis sosochii maallaqaa biyya keessaa dabalaa dhufeera.
 
Bara 2018 qofa keessatti lammiileen miiliyoona 50 ol loojiiwwan haaraa, paarkiiwwanii fi sagantaalee adda addaa daawwachuun, galiin Birrii biiliyoona 79 ol argamuun ibsameera.
 
Walumaagalatti, pirojektoonni Maaddiin Dhalootaafi Maaddiin Biyyaaf jedhaman qabeenya uumamaa fi aadaa Itiyoophiyaan qabdu gara dandeettii diinagdee qabatamaatti jijjiiruun, guddina diinagdee waaraa biyyattiin yeroo dheeraa keessatti galmeessuu dandeessuuf deeggarsa guddaa taasisaa jiru.
 
Taarikuu Laggasaatiin.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.