Maanchister Siitiin Koveentarii Siitii mo’ate
Finfinnee, Hagayya 30, 2018 (FMC) – Sagantaa taphaa torbee 3ffaa Piriimer Liigii Ingilaandiin Maanchister Siitiin Koveentarii Siitii 1-0’n injifateera.
Tapha galgala sa’aatii 11:00 irratti Istaadiyeemii Etihaditti gaggeeffame keessatti, galchii Maanchister Siitiin qabxii sadii ittiin argate Erliing Haalaand galcheera.
kanaanis Maanchister Siitiin walitti aansee yeroo sadaffaaf injifannoo galmeessuu danda’eera.
Taphoota Liigichaa biroo keessatti, Kiristaal Paalas Fulhaam’n 3-2’n yoo mo’atu, Liidsii fi Biraayiton akkasumas Bireentifoordii fi Sandarlaand 1-1’n walqixa ba’aniiru.
Totanhaam Hootspar fi Notiingihaam Foorest ammoo galchii malee 0-0’n walqixa ba’aniiru.