Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti tajaajila tola ooltummaa nageenya tiraafikaa irratti lammileen kumni 10 ni hirmaatu- Komishinicha

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2018 (FMC)- Magaalaa Finfinneetti tajaajila tola ooltummaa nageenya tiraafikaa irratti lammileen kumni 10 ni hirmaatu jedhe Komishiniin Hirmaannaa Hawaasaafi Qindeessa Tajaajila Tola ooltummaa magaalichaa.

Magaalaa Finfinneetti tajaajilli tola ooltummaa gannaa mata duree “ Tola ooltummaa olka’iinsa Finfinneef” jedhuun dameewwan garaagaraan hojjetamaa jira.

Guyyaa har’aas sagantaan jalqabsiisa tajaajila tola ooltummaa nageenya tiraafikaa gannaa gaggeeffameera.

Komishinarri Komishinichaa Yimar Kabbadaan wayita kana hojiilee tola ooltummaa waggoottan darban keessa hojjetamaniin bu’aa jajjabeessaan argamuu ibsaniiru.

Keessumaa balaawwan tiraafikaa ittisuun fi hir’isuun bu’aa olaanaan galmaa’uu kaasanii, tajaajila tola ooltummaa nageenya tiraafikaa bara kanaa irratti lammiileen kumni 10 kan hirmaatan ta’uu dubbataniiru.

Tola ooltonni kunneen Adabaabaayiiwwan garaagaraa 141 fi iddoowwan sosochiin tiraafikaa itti baay’atutti kan bobbaafaman ta’uu eeranii, hawaasni tola ooltotaaf ajajamuu fi tumsuun deeggarsa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Jamaal Ahimad’tu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.