Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waa’ee qabsoo uummata Oromoo irratti qabxiiwwan ijoo arfan kaasan;
Qabsoon uummata Oromoo jaarraa tokkoo ol kan ture ta’us, saffisa barbaadameen injifannoo osoo hin fidin kan tureef sababonni ijoo afur jiraachuu Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Sababni jalqabaa Yaada Tarsiimawaa dhabuudha. oomisha argachuuf tiraakterri jiratuus, yoo sanyii gaariin hin jiraanne akkuma gatii hin qabanne, galma qabsoo milkeessuuf yaada qulqulluu fi tarsiimawaa gahaa dhabuun hanqina guddaa ture jedhan.
Sababni lammaffaan tokkummaan laafuu dha. Oromoon lafa bal’aa irra kan jiraatuu fi eenyummaa waliinii kan qabu ta’us, shira siyaasaa, amantii, lagaa fi zooniin wal qooduun, tokkummaa keessoo itti fufsiisuu dadhabuunis rakkoo ta’uu kaasan.
Sababni sadaffaan hariiroo humnoota biroo waliin taasifamuudha.
Hariiroowwan kun yeroo hedduu fedhii yeroo gabaabaa irratti kan hundaa’an ta’anii, fedhii uummataa kabajuu fi eeguu irra, humnoota biroof bitamuun adeemsa qabsoo irratti miidhaa geessisaniiru jedhan.
Sababni arfaffaan hoggansa mul’ata qabu dhabuudha.
ummata gurmeessuun, kallattii sirrii itti agarsiisuufi hoggansa mul’ata bal’aa qabu dhabuun gufuu guddaa ture.
Dabalataaniis, qabsoo mo’uuf akka leencaa yaada injifannoo qabaachuun jalqabuu osoo qabuu, jalqabuma irraa sodaa mo’amuu keessa seenuun gufuu injifannoo ta’ee tureera jedhan.