Misooma Qarqara lagaa Inxooxxoo –Qabbanaa yaadama ida’amuu gochaan…
Yaadamni ida’amuu beekumsa xabboo fi dandeettii giddugala godhachuun, kaleessaa fi har’a qindeessuun, biyya fooyyoftee fi badhaadhate dhaloota dhufuuf dabarsuu mul’ata olaanaadha.
Yaadamni kun yaada qofaan kan kaa’ame osoo hin taane gochaan lafatti bu’ee jireenya uummataa jijjiiruu akka danda’u ragaalee mirkaneessan keessaa, pirojeektii guddaan misooma lagaa fi qarqara laga Inxooxxoo-Qabbanaa agarsiiftuun isa tokkodha.
Sararri lagaa dheerina kiilomeetira 10.5 qabu, kun kanaan dura bakka faalamaa, balfii itti gatamuu fi yaaddoo nageenyaa ta’ee ture, gara paarkii magariisaatti kan jijjiirame yoo ta’u, raawwiin pirojeektichaa utubbaawwan gurguddoo Ida’amuu gochaan agarsiiseera.
Qajeeltoowwan yaadama Ida’amuu keessaa isa tokko dogoggoroota turan sirreessuu fi fooyyessuudha.
Waggoota dheeraaf laggeen Magaalaa Finfinnee bakka gataa dhangala’aa Warshaalee fi mana keessaa turan.
Piroojeektii Inxooxxoo – Qabbanaa seenaa waggootta dheeraa jijjiruun lagicha sombaa magaalichaa taasiseera.
Lafa heektaara 87.6 magarisaa uwwisuu fi mukkeen babareedoo kuma 50 ol dhaabuun midhaagina magaalichaa dabaluu danda’eera.
Gama biraatiin, pirojeektiin kun guutummaatti dandeettii fi humna maahandisootaa, dargaggootaa fi ogeeyyii biyya keessaatiin kan ijaarameedha.
Barsiifata Kanaan dura ijaarsonni gurguddoon deeggarsa fi beekumsa alaa qofa eeggachuu ture cabsuun, miira ni danda’ama Itiyoophiyaanotaa humna biyya keessaa waliin qindeessuun, bu’a qabeessa ta’uun akka danda’amu agarsiisuun danda’ameera.
Pirojeektichi humna dargaggootaa,beekumsa maahandisootaa fi kutannoon mootummaa walitti qindaa’uun, yeroo gabaabaa keessatti xumuramee eebbaaf ga’eera.
Yaadamni Ida’amuu badhaadhinni hundagaleessi ilma namaa mirkanaa’uu qaba jedhee amana.
Jiraattootaaf bakka haaraa galfii, Bakka shaakala ispoortii, bakka taphaa ijoollee bakka deemsa lafoo kiiloomeetira 33.2 uumuun sammuufi fayyuummaa qaamaa ni guddisa. Kunis faayidaa hawaasummaa isaati.
Suuqiiwwanii fi kaafteeriyaawwan qarqara lagichaatti ijaaraman dargaggoota hedduuf carraa hojii uumaniiru.
Dabalataniis tattafafii Finfinene giddugala Tuurizimii Afrikaa taasisuuf qabame ni milkeessa.
Riqaaleen rarra’oon miilaa ammayyaa 21 pirojeekticha keessatti ijaaraman, kanneen riqaalee magaalichaa wal quunnamsisuu qofa osoo hin taane, hawaasa bitaa fi mirga lagaa jiraatan jireenya hawaasummaatiin kan walitti hidhan, agarsiiftuu nageenyaa fi waliin jireenyaati.
Pirojeektichi hiyyeessa fi sooressa osoo adda hin basiin hundi wal-qixa kan itti bohaaru waltajjii uummataa ta’eera.
Bakki kaleessa foolii badaa qabuu fi nama sodaachisaa ture sun, har’a iddoo urgaan gaariin irraa urgaa’uu fi jiraattonni itti boonaan taasisuun, imala olka’iinsa haaraa Iiytoophiyaa ifatti agarsiisa.