Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Jijjiiramaa rakkoowwan nam-tolcheefi uumamaa turan gara carraatti geeddaree bu’aawwan jajjaboo galmeessaa jira – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 23, 2019 (FMC) –Mootummaan Jijjiiramaa rakkoowwan nam-tolcheefi uumamaa turan gara carraatti geeddaree bu’aawwan jajjaboo gama hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaan galmeessaa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa xumuramuun, Mariin Biyyoolessaa haala milkaa’een taa’amuun, ijaarsi warshaalee xaa’oofi boba’aa eegalamuun, akkasumas ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu jalqabamuun biiftuun qaroomina Itiyoophiyaa quuqxee bahaa jiraachuuf agarsiistuu muraasa.

Gaaffii qabsoo uummanni Oromoo afaan, aadaafi duudhaasaa guddifachuuf taasise guutummaatti deebisuuf misooma aadaatiin Irreechi Hora Finfinnee malkaasaatti deebi’ee sirnoomuun, Irreechi Hora Har-sadee bareedina Magaalaa Bishooftuun kuulamee olka’ee kabajamuun fakkeenya ijoodha.

Qaroominni amma ijaarru duudhaa ganamaa keenyarratti akka bu’uureeffatu gochuuf falaasama ida’amuutiin karoorsinee, beekumsa walootiif barnoota Gadaafi Safuu, haqa walootiif Mana Murtii Aadaa, misooma walootiif Tajaajila Lammummaa, nageenya walootiif Gaachana Sirnaa jaarmiyaan idileessinee sirna ijaaraa jirra.

Ifti jijjiiramaa Itiyoophiyaaf bahuu eegale kun dukkana, rooba, dhoqqeefi mucuca gannaa kamiinuu kana booda gufachuu hin danda’u. Qormaatileen garuu ammas jiru. Qormaatileen kunneen humna Itiyoophiyaafi uummatashiiti gadi.

Amma, uummanni Itoophiyaa tokkummaa isaa cimsee, obbolummaa dagaagsee, jaalalaan ida’amee qaroomina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tumsaa jira.

Nus akka mootummaa sagalee uummataan filameetti, Yaadama Ida’amuu duudha keenyaarraa maddeen qaroomina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf cichinee hojjachaa jirra.

Gootummaa abbootii keenya Aduwaa itti fufsiisnee, Itiyoophiyaa diinarraa tiksaa jirra. Daangaa isaan sararan keessatti walqixxummaa, badhaadhinaafi nagaan akka haalaan mirkanaa’uuf cichinee hojjachaa jirra.

Duudhaa sirna Gadaa ka’uumsa godhannee garaagarummaa yaadaa ilaafi ilaameen sirreessuuf marii biyyaatti jirra.

Gama biraatiin diinaafi baandaa ‘ani foon malee hin nyaatin; hoolaan koo garuu hin tuqamin!’ jedhan dura dhaabbannee faayidaa biyya keenyaa kabachiifna.

Obbolaa keenya karaa dogongoraa qabatanii faallaa biyyasaanii dhaabbataniif, akkuma mammaaksi Oromoo jedhe ‘Bakka oolan irra bakka bulantu caala!’ waan ta’eef, ammas fuulasaanii nagaatti yoo deebisan, balballi nagaa akkuma banametti jiraachuu irra-deebi’een mirkaneessa. Oromoon qabsoosaatiin bilisoomeera. Gaaffiin Oromoo afaan qawweefi keettoo diinaa ta’uudhaan deebi’u kana booda abadan hin jiru.

Ayyaana Irreechaa wayita kabajnu akkuma duudhaasaa tokkummaa kudhaamannee, harka keenya araaraafi nagaaf diriirsinee, qalbii keenya dhiifamatti deebifnee, waan arganneef waaqa galateeffachaa, tikfachaa, waan hanqate obsaan eeggachaa, akkuma kaleessa Oromoon dhiigaafi lafee abbootiisaatiin Itiyoophiyaa ijaare, ammas qaroomina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf beekumsa, humnaafi leecalloo qabnuun, obboloota keenya saba, sablammootaafi uummattoota Itiyoophiyaa hunda waliin taanee adda durummaan Itiyoophiyaa utubna!

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.