Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Caaseeffama Oromiyaa gitu ijaaruuf hojjechaa jira- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 21, 2019 (FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa Caaseeffama naannicha gitu ijaaruuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaantiiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dhimma Gurmaa’insaa fi Caasaa Mootummaa Haaraa Naannichaarratti Oromiyaa Biroodkaastiingi Neetwoorki (OBN) waliin turtii taasisaniiru.

Obbo Shimallis Abdiisaa turtii isaaniin barbaachiisummaa gurmaa’iinsa haaraa ibsaniiru.

Tajaajila sadarkaa hundatti diriirsuu, Misooma naannichaa giddugala tokkorraa gaggeessuuf akkasumas Misoomni damee hundaa akka gadii bu’uuf ta’uu kaasaniiru.

Akkasumas Misoomni qonnaa, qonnaan bulaa fi horsiisee bulaatti caalmaatti akka dhiyaatuuf ta’uu himan.

Akkasumas mul’ata waggoottan dhufan caaseeffama Oromiyaa badhaate ijaaruuf qabnu gitu ijaaruuf kan yaadameedha jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Waggoottan laman darban riifoormii haaraa Mootummaa Gandaa Hojiirra oolchuun imala kana eegaluu dubbataniiru.

Dabalatanis aangoo fi tajaajila tuulamee ture gadii buusuuf yaadamuu eeran.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.