Fana: At a Speed of Life!

Murtoo Birmaddummaa Eeguu fi Cimsuu

Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan guyyaa kaleessa Imbaasii ishee Asmaraatti argamu cufuuf murteessiteetti.

Kana malees, dippiloomaatonni Eritiraa 10, sa’aatii 48 keessatti Itiyoophiyaa keessaa akka ba’an murtaa’eera.

Kanaan walqabatee, dippiloomaatiin Ijipti tokkoo sa’aatii 48 keessatti Itiyoophiyaa akka gadi lakkisu ajajni kennameera.

Murtoon kun tasa kan darbe miti. Yeroo dheeraaf waliin jiraachuu, misooma waloo fi nagaa naannawaaf obsi ture laafaa yoo dhufu, yaaddoon nageenyaa yoo dabalu tarkaanfii cimaa fi birmaddummaa kabachiisuu fudhatameedha.

Seerri idil-addunyaa ifatti akka jedhutti, biyyoonni kamiyyuu yeroo gaaffiin birmaddummaa uumamu ofirraa ittisuuf mirga guutuu qabu.

Qajeeltoon kun Heera Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti kan hammatame, aadaa idil-addunyaa keessatti kan mirkanaa’e, walqixxummaa birmaddummaa irratti kan hundaa’eedha.

Giddu seentummaan humnoonni alaa biyyattii irratti yoo raawwatamu, hochawwan haguuggii dippiloomaatotaa fayyadamuun raawwataman, akkasumas sochiiwwan Waliigaltee dippiloomaasii Viyeenaa cabsan, haleellaa birmaddummaa irratti raawwatamaniidha.

Itiyoophiyaanis haleellaa kana ofirraa ittisuuf mirga seera qabdi. Mirga ishees qabatamaan agarsiisteetti.

Fara’oononni Itiyoophiyaa mataa ishee ol qabattee, ofiin of bulchitu arguu hin barbaadan.

Itiyoophiyaa bishaan Abbayyaa misooma uummata isheef fayyadamu jalqabde, gaaffii ulaa galaanaa karaa nagaa fi seera qabeessa ta’een dhiyeessituu fi naannawaa ishee keessatti sagalee ishee dhageessistu akka yaaddootti ilaalu.

Shaabiyaan immoo ergamtuu hojii kana irratti gatii rakasaan hojjetu taatee tajaajilaa turteetti.

Keessattuu shororkeessitoota biyya keessaa qindeessuun, meeshaa waraanaa fi loojistikiin deggeruun, akkasumas bu’uuraalee nagaa fi tasgabbii jeequuf humna hojjechaa jiruu dha.

Tarkaanfiin kun jibbaaf ykn haalloo ba’uu miti. Jiraachuu ofii mirkaneessuu, nagaa uummataa eeguu fi tasgabbii naannawaa mirkaneessuuf itti gaafatamummaa bahuudha.

Itiyoophiyaan hariiroo seenaa, aadaa fi uummatummaa uummata Eritiraa waliin qabdu hin dagattu. Haa ta’u malee, dubbi uumtummaa fi shororkeessummaan mootummaa hariiroo nagaan wal hin simu.

Fara’oononnii fi ergamtoonni isaanii Itiyoophiyaan akka dadhabde, akka bittinnooftee fi raafamtetti agarsiisuuf yaalu. Haa ta’u malee, akkuma seenaan ragaa ba’u, Itiyoophiyaan yeroo qoramte hunda mataa ishee ol qabattee dhaabbatteetti; Har’as akkasuma.

Birmaddummaa ishee eeggachuuf waadaa cimaa fi hojii qabatamaan mirkaneessiti.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.