Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti Ummata hirmaachisuun caasaan bulchiinsaa haaraa sadarkaa ganda irraa eegalee ni hundeeffama – Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Fulbaana 23, 2019 (FMC) – Naannoo Tigraayitti ummata hirmaachisuun, caasaan bulchiinsaa haaraan sadarkaa ganda irraa eegalee akka hundeeffamu Dooktar Abrahaam Balaay ibsan.

Dooktar Abrahaam Balaay dhimmoota yeroo irratti Faanaa Miidiyaa Korporeeshinii waliin taasisaniin gaaffii fi deebii keessatti akka jedhanitti, Mootummaan Federaalaa Naannoo Tigraay keessatti nageenyaa fi tasgabbii fiduuf hojjechaa jira.

Kanaanis, yeroo gabaabaa keessatti bu’aa fiduuf ummanni ofiin of bulchuu akka danda’uuf caasaan bulchiinsaa haaraan diriirfamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa kana Raayyaan Ittisa Biyyaa naannicha humnoota seeraan alaa irraa qulqulleessaa akka jiru kan eeran Dooktar Abrahaam, kana hordofuunis caasaan bulchiinsaa haaraan sadarkaa ganda irraa eegalee hirmaannaa ummataatiin akka hundeeffamu dubbataniiru.

Caasaa bulchiinsaa haaraa kana yeroo gabaabaa keessatti xumuruun, ji’oota muraasa keessatti filannoo naannichaa gaggeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

#Oromia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.