Nageenyii fi badhaadhinni Afrikaa hawwii fi fedhii Shira diinaan hin gufatu
Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan seenaa ishee, teessuma lafaa fi madaallii tarsiimawaa naannichaa keessatti lafee dugdaatii.
Birmadummaa dhuunfaa ishee qofa osoo hin taane bilisummaa ummattoota gurraachaa, hundeeffama gamtaa Afrikaa fi nageenya naannawaaf wareegama jabaa keessa dabarteetti.
Har’as qabeenya uumamaa fi baay’ina ummataa qabdu fayyadamtee, Afrikaa hiyyummaa keessaa baasuu, diinagdee fi nageenyaan walitti hidhuu, badhaadhina Ardichaa dhugoomsuuf murannoon hojjetaa jirti.
Haa ta’uutii mul’ata biyyaalessaa guddaa kana dhugoomsuuf tattaaffii taasiiftu gufachiisuuf humnoonni badii dhama’aa jiran hin dhabaman.
Keessattuu mootummaan Eertiraa fi fakkaattoonni ishee imala Itiyoophiyaa kana gufachiisuu fi birmadummaa ishee sarbuuf biyyoota dhama’an keessaa adda dureedha.
Eertiraan maaliif badhaadhinaa fi guddina Itiyoophiyaa fi Afrikaa mormiti?”
Bulchiinsi Eertiraa waggoota kurnan darban keessatti falaasamni siyaasaa hordofu irra caalaan tarsiimoo Itiyoophiyaa dadhabsiisuu fi nagaa ishee jeequu jedhu irratti kan xiyyeeffateedha.
Itiyoophiyaa cimtuu, badhaateefi nagaa qabdu jiraachuun, aangoo fi jiraachuu siyaasaa isaaniif yaaddoo akka ta’etti yaadu.
Aanga’oonni Eertiraa guddina Itiyoophiyaa fi walitti hidhamiinsa naannichaa ilaalcha gaariin ilaalu hin dandeenye.
Itiyoophiyaan nagaa argattee humna ishee gara misoomaatti akka hin deebifneef, yeroo hunda duumessi sodaafi waraanaa akka ishee irra naanna’u barbaadu.
Hawwii fi fedhii ishee kana dhugoomsuuf diinota alaa fi keessaa waliin hojjetti.
Sosochii qabeenya Itiyoophiyaa mancaasanii fi birmadummaa biyyattii sarban irratti xiyyeeffattee hojjetaa jirti.
Itiyoophiyaan nagaa naannichaaf ejjennoo cimaa waan qabduuf, qocholoo fi sosochii birmadummaa biyyaa sarbuu Eeritraan irra deddeebiin raawwattu kana karaa dippilomaasii fi nagaa hiikuuf obsa guddaa agarsiifteetti.
Obsi kun sodaa osoo hin taane walitti dhufeenya seenaa fi obbolummaa uummata biyyoota lamaan gidduu jiru kan bu’uureeffate, akkasumas nageenyi naannichaa balaaf akka hin saaxilamneef tattaaffii taasifame tureedha.
Laalmaatti wanti nama gaddisiisuu fi dheekkamsa kakaasu immoo, dippiloomaatonni Eertiraa Finfinnee keessa jiran, kabaja dippilomaasii isaaniif kenname dawoo taasisuun, Itiyoophiyaa keessatti shira sirrii hin taane raawwachuun argamaniiru.
Kunis ejjennoo cimaa biyyattiin nagaa irratti qabduuf qormaata jabaa ta’ee mul’ayeera.
Kana bu’uura godhachuun Itiyoophiyaan kaleessa Imbaasiin ishee Asmaatti argamu akka cufamuu fi Dippiloomaatoonni Eertiraa Itiyoophiyaatti argaman sa’aatii 48 keessatti Itiyoophiyaa gadi lakkisanii akka bahan ajajeerti.
Ministeerri Dhimma Alaa Rippabiliika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa, Eertiraan Itiyoophiyaa irratti gochoota diinummaa fi walitti bu’iinsaa kallattii fi alkallattiin raawwatteef deebii kennuuf, Imbaasii Itiyoophiyaa Eertiraa Asmaraatti argamu cufuuf murteesseera.
Eertiraa fi jaalleewwan ishee halkanii guyyaa dhama’anis nageenyii fi imalli badhaadhina Itiyoophiyaa hin gufatu.
Itiyoophiyaan obsa dippilomaasii ishee akkuma eeggametti ta’ee, humnoota diigumsaa keessa taa’anii ishee irratti hojjetan ragaan dhugaan tarkaanfiiwwan seeraa fi dippilomaasii fudhachuun saaxiluu qabdi.
Nageenyii fi badhaadhinni Afrikaa hawwii fi fedhii Shira diinaan hin gufatu,Itiyoophiyaan nageenya naannawaa fi ummata Ishee tiskuuf hojiilee hojjetaa jirtu caalmaatti cimsitee itti fufti.
Taarikuu Laggaasaatiin
#Oromia #Ethiopia