Olka’iinsa dippiloomaasii Itiyoophiyaa, Waltajjiiwwan Naannawaa fi Ardichaa keessatti…
Seenaan hariiroo alaa fi dippilomaasii Itiyoophiyaa bara dheeraa kan lakkoofsisee fi bu’uura cimaa kan qabuudha.
Qajeeltoon dippiloomaasii Itiyoophiyaa hariiroo tumsa hunda galeessa hordofuun, dantaa biyyaalessaaf dursa kan kennudha.
Yeroo ammaa hariiroon biyyoota ollaaf xiyyeeffannoo kennee fi Dippiloomaasiin hundagaleessi biyyattiin hojiirra oolchaa jiru bu’aalee tarsiimowaa hedduu galmeesseera.
Itiyoophiyaan hariiroo ammayyaa, michummaa horachuurratti xiyyeeffatee fi faayidaa biyyaalessaaf dursa kennu hordofuun dhaga’amtummaa ishee dabalaa, dhiibbaa siyaas qubsamaa qabdu fayyadamuun walitti hidhamiinsa naannawaa, nageenya, akkasuma ida’amuu dinagdeetiin guddisuun ga’ee dippiloomaasii guddisaa jirti.
Tattaaffiin Afrikaa Bahaa fi Gaanfa Afrikaatti nageenya waareessuuf taasiftu beekamtii olaanaa ishee goonfachiiseera.
Mariiwwan bishaanii fi Inarjii gara walitti hidhamiinsa misoomaatti jijjiiruun bu’uuraalee misooma naannawaa mirkaneessaa jirti.
Seenaan dippiloomaasii Itiyoophiyaa walitti dhufeenya biyyoota waliin qabaachuu qofa osoo hintaane dhaga’amtummaa fi dhiibbaa uumtummaa ishees kan agarsiisuudha.
Biyyoota ollaaf dursa kennuun dippiloomaasii tumsa waloorratti hundaa’e hojiirra oolchuun bu’aa qabatamaa galmeessuu dandeesserti.
Milkaa’inoonni dippiloomaasii Itiyoophiyaa mirkaneessituu birmadummaa biyyaafi dursummaa naannawaa ta’eera.
Keessumaa faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuun milkaa’inoota seena qabeessa ta’an galmeessaa jirti.
Xumuramuun hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa walitti hidhamiinsa naannawichaa guddisuufi Baha Afrikaatti nageenyi akka jiraatuuf tumseera.
Qabeenya bishaanii ishee irratti mirga abbaa biyyummaa qabdu mala dippilomaasii obsaa fi ogummaan guutameen addunyaatti agarsiiseera.
Sosochiin “ashaaraa magariisaa” Itiyoophiyaan waggoottan darban raawwatte galma biyyaalessaa damdamannaa jijjiirama haala qilleensaa biyyattiin qabate milkeessuurra darbee, Itiyoophiyaan gama dippilomaasii magariisaatiin waltajjii Afriikaa fi idil addunyaarratti adda duree akka taatu godheera.
Duulli guddaan eegumsa uumamaa kun madaallii naannawaa biyya keessaa eeguurra darbee, walitti hidhamiinsa dippilomaasii daangaa cehu kan cimsu meeshaa tarsiimawaa amma ta’utti gaheera.
#Oromia #Ethiopia