Fana: At a Speed of Life!

Oomisha bunaa hektaaratti kuntaala 9 irraa gara kuntaala 21tti guddisuuf hojjetamaa jira – Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Hagayya 5, 2018 (FMC) – Inniisheetiivii Oomishaa fi Oomishtummaa Bunaa Biyyaalessaa, hektaaratti kuntaala 9 irraa gara kuntaala 21tti guddisuu fi lafa hektaara miliyoona 1.15 ol irratti buna misoomsuuf karoorfamee hojiitti galameera jedhan Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa.

Itiyoophiyaan bakka argama bunaa qofa osoo hin taane, bunni utubaa dinagdee, madda jireenyaa qonnaan bultoota miliyoonotaa fi utubaa ijoo daldala alaa ishee ta’uus ibsaniiru.

Qabeenya guddaa kana oomishtummaa, qulqullinaa fi itti fufiinsaan guddisuun, oomisharraa gara sona dabalataatti, sonarraa ammoo gara gabaa addunyaatti ceesisuun kallattii ijoo damee bunaa ta’uun eerameera.

Paakeejiin haaraan misooma bunaa, hojii baramaa duraanii irraa gara oomishtummaa ammayyaa’eetti ce’uuf kan qophaa’e ta’uunis ibsameera.

Kanaafis, karoora tarsiimawaa waggaa 10 qopheessuun, paakeejii misooma bunaa fooyyeessuun sirna oomishaa ammayyaa ta’een hojiirra oolaa jiraachuunis eerameera.

Karoora kana hojiirra oolchuufis kallattiiwwan xiyyeeffannoo misooma bunaa sagal adda baafamuun ibsameera.

Isaanis:
– Sanyii bunaa filatamaa fayyadamuu;
– Itti fayyadama walitti kemiikaala biyyee;
– Walitti hiiqiinsa biqiltuu bunaa guddisuu;
– buna gamashuu fi qabiinnsa buna jirma hedduu;
– Fayyadama muka gaaddisaa bunaa mijataa;
– sirna ittisa ilbiisotaa qindaa’aa;
– Itti fayyadama jallisii fi xaa’oo qindaa’aa;
– Akkasumas, fooyya’iinsa qophii fi sassaabbii oomishaa ta’uun himameera.

Oomishtummaa bunaa itti fufiinsaan guddisuu, qindoominaa fi walitti dhufeenya dhaabbilee cimsuu, akkasumas oomishtoota, qorattoota, ogeessotaa fi hoggantoota ajandaa misooma bunaa tokko irratti walitti fiduun damee bunaa daran babal’isuuf karoorri qabamuu odeeffannoon Ministeerichaa ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.