Oromiyaatti qonna Arfaasaarraa hanga ammaatti oomishni kuntaalli miiliyoonni 21 ol walitti qabame- Biiricha
Finfinnee, Hagayya 8, 2018 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti qonna Arfaasaarraa hanga ammaatti oomishni kuntaalli miiliyoonni 21 ol walitti qabameera jedhe Biiroon Qonnaa Naannichaa.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu naannichatti lafti hektaara miiliyoona lama qonna Arfaasaan midhaan garaagaraatiin misoomuu ibsaniiru.
Bu’aa qonna Arfaasaa guddisuuf qonnaan bultootaaf leenjiiwwan hubannoo fi dandeettii ogummaa isaanii cimsan kennamuus eeraniiru.
Akkasumas, ogeeyyiin qonnaa dirree irratti argamuun deeggarsa ogummaa fi hordoffii godhaniiru jedhan.
Galteewwan qonnaa oomishaa fi oomishtummaa dabalan yeroon qonnaan bultoota bira akka ga’an taasifamuu akkasumas qorichoonni farra ilbiisotaa fi aramaa dhiyaachuu kaasaniiru.
Haaluma kanaan, qonnaa Arfaasaa bara kanaan lafa sanyiin uwwifame keessaa hektaara miiliyoona 1 fi kuma 200 ol irraa midhaan ga’e walitti qabameera jedhaniiru.
Oomisha walitti qabamerraa hanga ammaatti callaan kuntaalli miiliyoonni 21 fi kumni 800 argamuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Sassaabbii oomishaa saffisiisuufi qisaasama hambisuuf mekaanaayizeeshinii qonnaa fi humna namaa qindeessuun hojjetamaa akka jirus eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia