Oromummaan akka deebi’ee hin cabnetti ijaaramaa jira – Pir.Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC) – Fooramiin Irreechaa Marsaa 8ffaa Magaalaa Finfinnee Hoteela Sharaatanitti gaggeeffamaa jira.
Fooramiichi mata duree ”Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti kan hirmaatan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Oromummaan akka deebi’ee hin cabnetti ijaaramaa jira jedhan haasawa taasisaniin.
Oromummaan akka jabaachaa deemuuf tarsiimoo haaromsa Aadaan; Aadaafi duudhaa keenya laafe deebisnee itichuufi tumsuurratti ciminaan hojjetamaa jira jedhan.
Aadaa, duudhaa, akkasumas qabeenyi hambaalee kiiliyaa Oromoo sirnoota duraan cabe akka ijaaramuuf xiyyeeffannaa guddaan hojjechaa jiraachuufi fuulduraafis ciminaan irratti hojjenna jedhan.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa