Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Burundii Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 (FMC) – Pireezidaantiin Burundii fi dura taa’aan yeroo gamtaa Afrikaa Ivaristee Nidaayishimiyee Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad har’a Ministira Muummee FDRI ta’uun irra deebiin filatamuu hordofee Ivaristee Nidaayishimiyeen erga baga gammaddanii dabarsaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad irra deebiin filatamuu isaaniin maqaa ummata Burundii fi Gamtaa Afrikaan gammachuu guddaa natti dhagahame ibsuun barbaada jedhan ergaa isaaniin.

Barri hojii isaanii kan milkii akka ta’u hawwaniiru.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGudda

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.