Fana: At a Speed of Life!

Raayyaa Ittisa Biyyaa hubannoo namtolcheen ammayyeessuuf hojii jalqabame

Finfinnee, Hagayya 7, 2018 (FMC) – Yeroo guddinni teeknooloojii addunyaa saffisaan itti fufaa jiru kanatti, dandeettiin nageenyaa fi ittisaa biyyootaa sirna waraanaa baramaa qofa irratti osoo hin taane, beekumsa, odeeffannoo fi teeknooloojii ammayyaa irratti hundaa’aa dhufeera.

Keessumaa, hubannoon namtolchee murtee kennuu, xiinxala odeeffannoo, leenjii fi loojistikii keessatti gahee olaanaa qabaachaa jira.

Sochii waraanaa addunyaa keessattis hubannoon namtolchee sadarkaa olaanaadhaan hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u, dirree waraanaa irrattis dhiibbaa uumuu danda’eera.

Jijjiirama teeknooloojii kana hordofuun, Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa RFDI dandeettii ittisaa ammayyaa hubannoo namtolcheen deeggarame ijaaruuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltichi Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa teeknooloojiiwwan ammayyaa garaagaraatiin of haaromsaa jiru, teeknooloojii dijitaalaa ammayyaa waliin akka walsimuuf tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa isa tokko ta’uun ibsameera.

Waliigaltichaan leenjii fi barnoota, loojistikii, nageenya saayibarii, eegumsa fayyaa waraanaa, humna qilleensaa fi waraana elektirooniksii irratti waliin hojjechuuf yaadameeta.

Akkasumas, humna namaa Raayyaa Ittisa Biyyaa cimsuuf teeknooloojii simuleeshinii fayyadamuun Yunivarsiitii, kolleejjotaafi giddugala leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti sirna simuleeshinii diriirsuun qophii fi dandeettii hojii leenjifamtootaa guddisuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsameera.

Ajajaan Olaanaa Waraanaa, Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, yeroo waliigaltichi mallatteeffametti, dandeettii Raayyaa Ittisa Biyyaa gama hundaan bu’uura cimaa irratti ijaaruufi dhaabbaticha guddina teeknooloojii yeroo ammaa waliin walsimsiisuuf, dhaabbileen barnootaa fi leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa jalatti argaman hubannoo namtolcheen akka deeggaraman gochuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa, Dooktar Warquu Gaachanaa, gama isaaniin hubannoon namtolchee hojii saayibarii fi damee odeeffannoo keessatti faayidaa tarsiimawaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Keessumaa, odeeffannoo saffisaan walitti qabuu fi xiinxaluu, akkasumas balaa saayibarii adda baasuu fi dandeettii ittisaa cimsuun bu’aawwan tumsa kana irraa eegaman keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan, tumsi dhaabbilee lamaan gidduutti taasifame teeknooloojii sirna ittisaa waliin walitti hidhuun, dandeettii Itiyoophiyaa gama odeeffannoo, nageenya saayibarii, leenjii fi loojistikii ammayyeessuuf kan gargaaru yoo ta’u, damee teeknooloojii ittisaa keessatti boqonnaa haaraa banaa jira.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.