Fana: At a Speed of Life!

Sagalee Moqaadishoo fi Mul’ata Guddicha Itiyoophiyaa!

Finfinnee, Fulbaana 23, 2019(FMC) – Haala siyaasaa Gaanfa Afrikaa keessatti, yeroo haasaan dippiloomaasii dhugaa fi haqa irratti hundaa’e dhaga’amu, gareewwan dhugaa kana dhaga’uu irraa of qusachuu filatan jiraachuun kan haalamu ta’uu baatus, dhugaaleen seenaa fi seeraa yeroo kamiyyuu dhokfamanii hafuu akka hin dandeenye ragaan ifaa argamaa jira.

Torban kana Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaamuud televiizhinii Al Arabiyaa waliin turtii taasisaniin ragaa kennan, kanaaf agarsiistuu dha.

Pireezidaantichi Itiyoophiyaan kallattiidhaan Galaana Diimaa waliin daangaa qabaachuu baattus, akka seera bishaanota idil-addunyaatti biyyoota Galaana Diimaa waliin qooddatan keessaa tokko ta’uuf mirga seeraa akka qabdu ifatti dubbachuun isaanii, tarsiimoo siyaasaa naannawichatti yeroo dheeraaf xaxamaa ture diigee, boqonnaa haaraa dippiloomaasii banuu keessatti taatee guddaa ta’ee galmaa’eera.

Gaaffiin Itiyoophiyaan Galaana Diimaa ilaalchisee qabdu dhimma qananii ykn olaantummaa siyaasaa barbaaduu osoo hin taane, gaaffii jiraachuu, bilisummaa dinagdee fi nageenyaa uummata guddaa miliyoona 100 fi miliyoona 30 ol ta’eeti. Hubannoon naannawaa gaaffii kanaaf kennamaa dhufuunis kana mirkaneessa.

Adeemsi dippiloomaasii kun, seerota idil-addunyaa galaanaa fi bishaanii irratti kan hundaa’e ta’uu isaa irra darbee, amma waltajjiiwwan idil-addunyaa irrattis fudhatamaafi beekamtii argachaa dhufuu isaa haasawni Pireezidaantichaa ifatti agarsiisa.

Beekamtiin tarsiimawaa kun mul’ata guddaa Itiyoophiyaa fi ilaalcha badhaadhina ishee gara fuulduraa kan calaqqisiisuudha.

Itiyoophiyaan akka biyya guddaatti gahee ji’oo-poolitikaa naannichatti qabdu guddisuu fi guddina waliigalaa uummata ishee mirkaneessuuf, abbummaa ulaa galaanaa ykn qooda Galaana Diimaa qabaachuun murteessaa ta’uu hubatti.

Murteessummaan ulaa galaanaa kun dhimma akkasumaan ka’u osoo hin taane, dhugaa saayinsiin ji’oo-poolitikaa idil-addunyaa fi hayyoonni mirkaneessanidha.

Kanaafis, Alfired Tsayer Mahan kitaaba isaa beekamaa “The Influence of Sea Power Upon History” jedhu keessatti, guddinni biyya kamiyyuu, badhaadhina dinagdee fi dhiibbaa sadarkaa idil-addunyaatti qabdu, kallattiidhaan humna galaanaa fi ulaa galaanaa to’achuu waliin walqabata jechuun ibsa.

Akka Mahan jedhutti, humnoonni lafaa ulaa galaanaa hin qabne, hammamiyyuu yoo guddatan, yeroo hunda biyyoota ulaa galaanaa qabanitti marfamuun dinagdee fi hirkattummaa ji’oo-poolitikaa keessatti kufuuf saaxilamu.

Haaluma walfakkaatuun, kooliin Filiinti qorannoo isaa bara 2024tti maxxanse, “Near and Far Waters: The Geopolitics of Seapower” jedhu keessatti, ulaan galaanaa dorgommii daldala idil-addunyaa keessatti madda ijoo ta’uu ibsuun, biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne fedhii fi murtee siyaasaa biyyoota qarqara galaanaa isaanitti dhihoo jiraniin daangeffamuu irraa kan ka’e, faayidaa biyyaalessaa fi mul’ata isaanii bilisaan galmaan ga’uuf gufuu guddaan akka isaan mudatu mirkaneesseera.

Haa ta’u malee, gaaffii abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa gufachiisuu fi biyyattii naannawicharraa addaan kutuuf tarsiimoon shiraa Kaayiroo fi Asmaraatti yeroo dheeraaf xaxamaa turee fi haala haaraan mul’achaa jiru diigamuu jalqabuu isaa ragaan mul’isaa jira.

Waggootaaf Itiyoophiyaa akka madda haleellaa fi jeequmsaa fakkeessuun, gaaffii Galaana Diimaa ilaalchisee qabdu soda nageenyaa naannawaa waliin walqabsiisuuf hojiiwwan ololaa hojjetaman bu’uura kan hin qabne ta’uun saaxilamaa jira.

Kaayiroo fi Asmaraan Itiyoophiyaa irratti tarsiimoo maraammartoo waloo diriirsuu fi Itiyoophiyaa irratti biyyoota naannawaa hiriirsuuf shira bal’aa xaxaa turaniiru.
Hidhaan shiraa kunis, cichoomina uummata guddaa, mirga seeraa biyya guddaa kanaa fi dhugaawwan saayinsii idil-addunyaa kanaan walqabatan irraa kan ka’e, diigamaa jira.
Adeemsi dippiloomaasii Itiyoophiyaan haqa, nagaa fi seera irratti hundaa’uun taasistu gara fuulduraatti itti fufuu isaa mallattoowwan hedduun mul’achaa jiru.

Gaaffiin qooda Galaana Diimaa qabaachuu Itiyoophiyaa haqa seenaa, seera idil-addunyaa fi dhugaa tarsiimawaa hayyoonni akka Mahan fi Filiinti kaa’an hordofuudha. Kanaaf, hammamiyyuu hidhaan shiraa yoo xaxame, dhugaan mo’achuu irraa duubatti hin deebi’u.

Biyyoonni naannichaa gaaffii birmaddummaa Itiyoophiyaa sirriitti hubachuun, karoora misooma waloo fi faayidaa waloo, kan uummata guddaa, biyya guddaa fi mul’ata guddaa irratti hundaa’e fudhachuun, walitti hidhamiinsa naannawaa uumuuf waliin hojjechuun filannoo qofa osoo hin taane filannoo itti fufiinsa qabu ta’uu hubachaa dhufaniiru.

Hayilayeesuus Makonniniin

#Oromia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.