Sagantaan Hoggansa Kantiibummaa Magaalota Afrikaa Magaalota Itiyoophiyaa keessatti jijjiirama bu’uuraa fiduu jalqabeera – Aadde Caaltuu Saanii
Finfinnee, Hagayya 5, 2018 (FMC) – Sagantaan Hoggansa Kantiibummaa Magaalota Afrikaa magaalota Itiyoophiyaa keessatti jijjiirama bu’uuraa fiduu jalqabeera jedhan Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii.
Aadde Caaltuun fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti ergaa barreessaniin, Daayirektara Olaanaa Sagantaa Hoggansa Kantiibummaa Magaalota Afrikaa Jaankii Kamaalii waliin faayidaa, dhiibbaa fi itti fufiinsa sagantichaa irratti mari’achuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Fooraamii Kantiibota Magaalota Afrikaa akka keessummeessituuf filatamuu ishee ibsuun, sagantichi magaalota biyyattii keessatti dandeettii hoggansaa ijaaruu fi jijjiirama bu’uuraa fiduu erga jalqabee waggoota 4 lakkaa’uus dubbataniiru.
Keessumaa, hoggansa kantiibaa ashaaraa waaraa qabu uumuun, dijiitaalaayizeeshinii fi bulchiinsa daataa magaalotaa ammayyeessuun, akkasumas magaalonni galii keessoo isaanii guddisuun humna ofiin akka misooman gargaaruu keessatti deeggarsa guddaa kennaa jiraachuu ibsaniiru.
Fooraamiin Kantiibota Afrikaa guddaa kan Onkololeessa dhufu Finfinnee fi Bishooftuutti gaggeeffamu kun akka milkaa’uuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia