Fana: At a Speed of Life!

Ulaa Galaanaa guddina diinagdee Waaraaf

Finfinnee, Hagayya 2, 2018 (FMC) — Ulaan galaanaa sochii diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa biyya tokkoof baay’ee murteessaa dha.

Daldalli idil-addunyaa %80 ol kan raawwatamu karaa geejjiba galaanaatiin waan ta’eef, kallattiin ulaa galaanaa qabaachuun guddina diinagdee waaraa fi badhaadhina biyyaatiif gahee olaanaa qaba.

Biyyoonni ulaa galaana hin qabne daldala alaa isaanii gaggeessuuf buufataalee galaanaa fi daandiiwwan geejjibaa biyyoota ollaa irratti hirkatu.

Kunis baasiiwwan dabalataa kanneen akka kaffaltii buufataa fi taarifaa akkasumas gatii oomishaalee isaanii dabaluun dorgommii isaan gabaa idil-addunyaa irratti qaban laaffisa.

Faallaa kanaatiin, kallattiin ulaa galaanaa qabaachuun baasii geejjibaa hir’isuun oomishaaleen biyya keessaa gabaa idil-addunyaa irratti dorgomaa akka ta’an taasisa.

Ulaan galaanaa dhaabbileen invastimantii irratti hirmaatan loojistiksii mijataa akka argataniif haala mijataa uumuun oomisha isaanii gara gabaa idil-addunyaatti salphaatti akka geejjibsiisan gargaara.

Kana malees galtee meeshaalee dheedhii fi al-ergii oomisha saffisiisan, baasii xiqqaan akka raawwatamu gochuun diinagdee cimsuu danda’a.

Ulaan galaanaa qabeenya galaanaa bal’aa karaa adda addaatiin fayyadamuufis carraa bana.

Qabeenya qurxummii fi qabeenya uumamaa galaana keessatti argaman gabaa alaaf dhiyeessuun, akkasumas qarqara galaanaa misoomsuun bakka hawwata turizimii taasisuun galii olaanaa argamsiisuun ni danda’ama.

Bu’uuraaleen misoomaa ulaa galaanaa waliin walqabatan kanneen akka naannawaa daldala bilisaa fi paarkiiwwan indaastirii lammiileef carraa hojii bal’aa uumu.

Ulaa galaana dhabuun kaffaltii kiraa buufataa fi kaffaltii tiraanzitiif kaffalamuuf sharafa alaa olaanaa gaafata.

Ulaa galaanaa qabaachuun baasiiwwan kanneen hambisuun, pirojektoota misoomaalee bu’uuraa biroof akka oolu gargaara.

Walumaagalatti, ulaan galaanaa birmadummaa diinagdee fi misooma waaraa biyya tokkoo mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba.

Sirna daldala idil-addunyaa yeroo ammaa keessatti dorgomaa ta’anii itti fufuu akkasumas jiruufi jireenya lammiilee fooyyessuuf, ulaa galaanaa amansiisaa qabaachuun murteessaadha.

Itiyoophiyaanis hoggansa mootummaa Ida’amuun gaaffiin ulaa galaanaa fayyadamuuf kaaste, gaaffii haqaa, mirgaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti.

Hanga gaaffichi dhugoomutti Itiyoophiyaanonni hundi tokkummaan dhaabbachuu qabu.

Melkaam Fiqaduun.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.