Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ichi waliigaltee biyyaalessaa kan cimsudha – Hirmaattota

Finfinnee, Hagayya 9, 2018 (FMC) – Yaa’iin marii biyyaalessaa geggeeffamaa jiru seenaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan baneefi waliigaltee biyyaalessaa kan cimsu waltajjii guddaadha jedhan hirmaattonni yaa’ichaa.

Hirmaataan yaa’ichaa Tasfaayee Dajanee, yaa’ichi biyyattiitti boqonnaa haaraa banuu eeruun, haala gaariin geggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Marichi rakkoolee turaniif waliin furmaata barbaaduuf carraa seena qabeessa kan uumedhas jedhan.

Marii kanarraa barnoonni hedduun fudhatamuu fi rakkoolee turaniif yaada furmaataa hedduun dhihaachuu ibsan.

Adeemsi marii biyyaalessaa kun imala Itiyoophiyaa fooyyofte ijaaruuf godhamu gara boqonnaa haaraatti kan ceesisedha jedhan.

Hirmaataan biraa Ibsaa Ibiraahim gama isaaniitiin, waltajjiin marii kun seenaa Itiyoophiyaa keessatti isa jalqabaafi gaarii ta’uu ibsuun, kunis waliigaltee biyyaalessaa kan cimsu ta’uu dubbataniiru.

Mariichaan qonnaan bultoota, horsiise bultoota, qaama miidhamtoota, dubartootaafi dargaggoota dabalatee kutaaleen hawaasaa garaagaraa bal’inaan kan hirmaatan waan ta’eef, adeemsichi guutuufi hunda-galeessa ta’uu kan ibsan immoo hirmaataa yaa’ichaa Boggaalee Sayidaati.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.