Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa diinagdee Itiyoophiyaatti abdii dandamannaa uume- Obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2018(FMC)- Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa diinagdee Itiyoophiyaatti abdii dandamannaa uume jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo biroon guyyaa har’aa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa daawwataniiru.
Obbo Shimallis Abdiisaan wayita kana Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa diinagdee Itiyoophiyaatti abdii dandamannaa uumuu ibsaniiru.
Waggoottan 40 dhufanitti bakka oomishaa Afrikaa isa guddaafi qulqullinaan addunyaa irratti dorgomu ni ta’as jedhan.
Kana milkeessuuf mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoon akka hojjetu ibsaniiru.
Guutaa Owwaataatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia