Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Afrikaa muuxannoo Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa qooddachuu qabu- Gamtaa Afrikaa

Finfinnee, Hagayya 30, 2018(FMC)- Biyyoonni Afrikaa hojiilee ittisa jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti muuxannoo Itiyoophiyaa qooddachuu qabu jedhan Gamtaa Afrikaatti Daayrektarri Naannawaa Waaraafi Diinagdee Cuquliisaa Haarsan Niyaambeen.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantichi qilleensa qulqulluufi madaala naannawaa eeguurra darbee hanga gadi lakkifama kaarboonii hir’isuun daballii ho’a qilleensaa ittisuuf akka dandeessisu dubbataniiru.

Biyyoonni Afrikaa hojii jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf hojjetan irratti muuxannoo waljijjiiruu akka qaban hubachiisuun, Itiyoophiyaarraa muuxannoo qooddachuu akka qaban kaasuu isaanii TOI gabaaseera.

Itiyoophiyaan muuxannoo ishee kana biyyoota ardichaaf qooduun gahee adda durummaa ishee bahachuu qabdis jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.