Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Haraambee barattoota kuma 2 fi 800 ol eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 30, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitiin Haraambee barattoota marsa 25ffaaf ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 2nfi 887 har’a eebbisiiseera.

Eebbifamtoonni kunniin damee fayyaa, bizinasii, teeknooloojii fi saayinsii hawaasaatiin warra barachaa turanii dha.

Hoogganaa itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Galaanaa Waldamikaa’el eebbifamtoonni ogummaa fi beekumsa horataniin naamusaan hawaasaa fi biyya isaanii akka tajaajiluu qaban sirnicha irratti dhaamsa dabarsaniiru.

Beekumsa argatan qajeelummaa fi namummaadhaan akka itti fayyadamanii uummata isaanii tajaajilanis abbaan qabeenyaa fi hojii raawwachiisaan Yuunivarsiitichaa hubachiisaniiru.

Sirna eebbaa kana irratti Ambaasaaddar Shifarraaw keessummoonni afeeraman biroon hirmaataniiru.

Oliyaad Badhaaneetu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.