Fayyadamummaa karra Galaanaa mirkaneessuuf Itiyoophiyaanoonni walta’iinsaan hojjechuu qabu- Jiraattoota Magaalaa Finfinnee
Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC) – Fayyadamummaa karra Galaanaa mirkaneessuuf tattaffii taasifamuun Itiyoophiyanoonni walta’iinsaan hojjechuu qabu jedhan Jiraattoonni Magaalaa Finfinnee.
Jiraattonni kunneen Faanaa Dijitaalaa waliin turtii taasisaniin, Karra galaanaa Itoophiyaan sababa siyaasaa fi shira keessoo fi alaan dhabne irra deebiin argachuuf tattaaffiin mootummaa jalqabe kan jajjabeeffamuu qabu ta’uu dubbatan.
Jiraataan Magaalichaa obbo Salamoon Habtee, karaan Itiyoophiyaan karra gaalaanaa ittin dhabde kan nama gabbisisuudha jedhan.
Guddina diinagdee fi baay’ina uummataa Itiyoophiyaa yeroo ammaa dabalaa jiru tilmaama keessa galchuun, dhimmi karra galaanaa akka dhimma faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaatti ilaaluun ilaalcha sirrii ta’uu kaasan.
Itiyoophiyaan karra galaanaa waan hin qabneef dhiibbaa diinagdee fi ji’oopoolitikaa garaagaraaf saaxilamaa jiraachuu eeruun, dhiibbaa uumuu fi gahee hoggansa naannawan Itiyoophiyaan qabdu cimsuuf karra galaanaa qabaachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Jiraataan Obbo Geetaachoo Dajanee gamasaaniin, karaan Itiyoophiyaan karra galaanaa ittiin dhabde haqa qabeessa akka hin taane ibsanii, dhimmichi dippiloomaasii fi marii karaa nagaan furmaata akka argatuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Fayyadamummaa karra galaanaa Itiyoophiyaaf mirkaneessuuf, tattaaffii dippiloomaasii mootummaan gaggeessaa jiru dabalatee, Itiyoophiyaanonni faayidaa biyyaalessaa isaanii eeguuf tokkummaan dhaabbachuu akka qabanis ibsaniiru.
Jiraataan Finfinnee kan biraa Obbo Banjaaw Taddasaa,karra galaanaa qabaachuun walitti hidhamiinsa diinagdee Itiyoophiyaa daran saffisa gochuu qofa osoo hin taane, dargaggoonni damee geejjiba galaanaa keessatti carraa hojii akka argatanis kan dandeessisu ta’uu dubbatan.
Dabalataanis, daldala alaa saffisa gochuun, meeshaalee oomishaaf barbaachisan fi meeshaalee itti fayyadamaa rakkoo tokko malee gara biyyaatti galchuuf gargaara.
Kunis sadarkaa biyyaalessaatti mul’atu qaala’iinsa gatii to’achuuf gahee qabaachuu akka danda’u ibsaniiru.
Jiraattonni kunneen, karri galaanaa Itiyoophiyaaf guddina diinagdee gama hundaan murteessaa waan ta’eef, gaaffiin kun furmaata akka argatuuf tumsa, tokkummaa fi kutannoo qabuun hojjechuun akka barbaachisu cimsanii dubbataniiru.
Miikiyaas Ayyalaatiin.