Fana: At a Speed of Life!

Irreecha sirna qulqullaa’aa gammachuu, jaalalaa fi araaraa

Finfinnee, Fulbaana 22, 2019(FMC) – Dudhaalee sirna Gadaa tokko kan ta’ee fi mallttoo uummata Oromoo ta’ee kan fudhatamu irreechi ayyaanota dirree biyyattiitti kabajaman keessaa tokko.

Akka ibsa abbootii Gadaa fi hayyoota seenaatti, Irreechi ayyaana galateeffannaa uummata Oromoo, walitti dhufeenya Uumaa, namaafi uumamaa gidduu jiru kan calaqqisiisu yoo ta’u, yeroo nagaa, araaraa, tokkummaa, badhaadhinaa fi jireenya gaarii argameef Uumaa galateeffachuun kan kabajamuu dha.

Irreechi Uumaa galateeffachuu, waan argameef galata dhiyeessu, nagaa fi badhaadhina kadhachuu, araaraa fi tokkummaa jabeessuu, uumama kabajuu, aadaa fi duudhaa Oromoo dhalootaa dhalootatti dabarsuu of keessatti hammata.

Galateeffannaa fi kadhannaan bu’uura Irreechaa ti. Uummanni Oromoo yeroo gannaa roobni roobee, lafti margitee, qabeenyi uumamaa fi midhaan argamee, jireenyi itti fufeef, Birraa bar’ieefUumaa isaaf galata dhiyeessa.

Kanaaf Irreechi yeroo galataafi kadhannaa kan walitti fidu ta’ee ilaalama.

Irreechi hariiroo Oromoo fi Uumaa gidduu jiru kan argisiisuu dha.

Akka aadaa Oromoo keessatti, Waaqni/Uumaan madda jireenyaa fi uumamaa ti. Kanaaf namni uumama irraa adda hin ba’u.

Irreecha irratti Oromoon Uumaa galateeffata; nagaa kadhata; roobaafi badhaadhinaaf kadhata; jireenya itti fufiinsa qabu hawwa.

Kana keessatti garaa qulqulluun laphee isaa banee waan kadhatuuf, hariiroon namaa fi Uumaa bakka guddaa argata.

Irreechi hariiroo namaa fi uumamaas kan mul’isuudha. Uumama kabajuu wajjin walitti hidhata cimaa qaba. Hora, bishaan, muka, lafa, margaa fi qabeenya uumamaatu kabajama.

Keessumaa damee magariisaa ykn coqorsa harkatti qabachuun sirna Irreechaa keessatti mallattoo beekamaa dha. Kunis uumama, jireenya, magariisummaa fi itti fufiinsa jireenyaa waliin kan walqabatuu dha.

Irreechi araaraa fi jaalala buusuunis ga’ee isaa isa guddaa dha

Namoonni walitti dhufanii: wal eebbisu; walitti araaramu; wal kabaju; tokkummaa isaanii cimsatu.

Kanaaf Irreechi ayyaana dhuunfaa qofa osoo hin taane, ayyaana hawaasaa ti.

Irreechi akka Uummataattis tokkummaa Oromoo eeguu keessatti iddoo guddaa kan qabuu dha.

Irreechi uummata Oromoo kutaalee addunyaa adda addaa jiraatanii fi ilaalcha, amantii fi haala jireenyaa garaagraa qaban bakk tokkootti walitti fiduun tokkummaa fi hariiroo hawaasummaa cimsuuf gahee guddaa qaba.

Namoonni naannolee fi gosa gara garaa irraa dhufanii uffannaa aadaa, sirba, geerarsa, shubbisaafi duudhaa isaanii agarsiisu.

Kunis aadaa Oromoo keessatti garaagarummaa jiru osoo hin balleessin tokkummaa cimsuu fi guddisuun akka danda’amu qabatamaan kan mul’isuu dha.

Sirni Irreechaa bakkaafi naannoo irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaachuu danda’a. Galata, kadhannaa, eebba, sirba, geerarsa, uffannaa aadaa, walga’ii uummataa fi kabaja uumamaa keessummeessuun garuu sirna Irreechaa keessaa waan hin hafnee dha.

Uummanni irreecha deemu coqorsa harkatti qabata. Kun mallattoo beekamaa dha. Innis akka waliigalaattijireenya, magariisummaa, uumamaafi itti fufiinsa bakka bu’a.

Kanaaf coqorsa qabachuun sirna ayyaanichaa keessatti hiika aadaa qaba.

Irreechi fi eenyummaan Oromoos addaan kan hinbaanee dha.

Irreechi aadaa fi eenyummaa Oromoo dhalootaaf dabarsuuf gahee qaba.

Keessumaa Afaan Oromoo, uffannaa aadaa, sirba, geerarsa, seenaa, duudhaa, safuu fi qajeelfama hawaasummaa uummata Oromoo mul’isee dhalootaa dhalootatti kan dabarsuu dha.

Dhaloonni haaraan Irreecha irratti hirmaachuun aadaa fi duudhaa isaanii baratu, wal barsiisu. Kunis dhaloota har’aa fi kaleessaa walitti hidhuun eenyummaa ganamaa eegee itti fufsiisuuf gargaara.

Mallattoo uummata Oromoo kan ta’e Irreechi yeroo fi kaayyoo itti raawwatamuun garuu Irreecha Birraa fi Irreecha Arfaasaa/Tulluu jedhamee qoodamuu danda’a.

Irreechi Birraa roobni caamee, lafti magariisa itti ta’u, jireenyi uumamaa haaromfamu malkaa irratti kabajama.

Yeroo kana uummanni rooba roobsee dachee jiisee hojii milkeessuu isaaf uumaaf galata dhiyeessa; Kabaja lafaafi uumamaaf qabu agarsiisa; waan argameef Uumaa galateeffata; nagaa fi badhaadhina kadhata.

Kanaaf Irreechi Birraa haaromsa jireenyaa fi galateeffannaa waliin walitti hidhata qaba.

Irreechi Arfaasaa immoo yeroo Arfaasaa kabajama. Yeroon kun yeroo roobni Arfaasaa itti roobu, lafti itti qotamuufi hojii qonnaa itti jalqabamu keessaa isa ijoodha.

Kanaaf roobni ga’aan, oomisha gaariin, nagaan, fayyaafi badhaadhinni yeroo itti kadhatamuu dha.

Yeroo kamuu haa kabajamu, aadaa Oromoo beeksisuun, jaalalaa fi tokkummaa cimsuun, araara namaa fi nama, namaa fi uumaa, uumamaa fi uumaa gidduutti kan buusuu dha.

Jiidhi harkatti qabatamuu fi bishaan biratti geggeeffamuun ammoo hiika guddaa dha.

Jireenya, qulqullina, haaromsa, itti fufiinsa,kan calaqqisiisuudha.

Jireenya jal’inaa irraa of qulqulleessuun hafuura nagaa, qajeelina, jaalalaa fi araaraa uuma.

Qaamaa fi xiinsamuun gammachuu namaaf kenna.

Irreechi nagaa dha; Irreecha qajeelina; Irreechi Araara; Irreechi Eebba!

Eeyyee Irreechi Qulqulluu dha!

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.