Fana: At a Speed of Life!

Abdii dhugoome

Finfinnee, Hagayya 30, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan waggoota shanan darban hojiilee misoomaan seenaa haaraa galmeessisteetti.

Fooyya’iinsi imaammataa biyyattiin gaggeessite dandeettii raawwachiisummaa guddisuun milkaa’ina diinagdee galmeessisuu danda’eera.

Milkaa’inoota waggoottan shanan darban keessa galmaa’an keessaa Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa xumuramuun fi eebbisiifamuun isa hangafadha.

Pirojektiin dandeettiifi qabeenya ofiin ijaarame kun mallattoo tokkummaa biyyaalessaati.

Sosochiin misoomaa Hidha Guddicha Haaromsaa qofarratti hin dhaabbanne. Waggoottan shanan darban keessa fooyya’iinsa diinagdee gooroon milkaa’inoonni hedduun galmaa’aniiru.

Misooma kooriidarii magaalaan daandiiwwan imaltoota lafoofi konkolaataa babal’aan, to’annoowwan sosochii tiraafikaa fi iddoowwan magariisaa babal’isuun bifa magaalotaa jijjiiruun danda’ameera.

Damee qonnaan misoomni qamadii jallisii bonee Itiyoophiyaa qamadii alaa galchuurraa gara biyya alaatti erguutti ceesiseera.

Hojiileen akka Paarkiiwwan Tokkummaafi Inxooxoo, Yadannoo Injifannoo Adwaa fi hojiilee haaromsa hambaalee magaalotaaf madda galii tuurizimii ta’aniiru.

Diijitaal Itiyoophiyaa 2025 dameen teelekoomii banaa taasifamuun dorgommiin gabaa akka uumamu, uwwisni neetwoorkii 4G fi 5G guutuu biyyattiitti akka babal’atu fi daddabarsi maallaqaa diijitaalaa akka baratamu taasiseera.

Sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan biiliyoonatti lakkaa’aman dhaabuun Itiyoophiyaan biyya addunyaaf fakkeenya taate gochuun danda’ameera.

Karoorri misoomaa waggoota shanan dhufaniis dameewwan garaagaraan olka’iinsa biyyattiifi dhiibbaa uumtummaa ishee kan dabaludha.

Paarkiiwwan Indaastirii qonna qindaa’aa sararoota anniisaa Hidha Guddicha Haaromsaa waliin kallattiin walquunnamsiisuun oomishaaleetti sona dabaluun gabaa alaaf erguun danda’ameera.

Dameewwan daldalaafi loojistiksiinis buufata Keeniyaa Laamuu sarara pirojektii bu’uuraalee misoomaafi daandii baaburaa Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa walquunnamsiisuun walitti hidhuun yeroo geejjibaa kan qusatuufi dandeettii daldala al-ergii kan guddisu ta’a.

Mul’anni biyyaalessaa hoggansa cimaan yoo hogganame qormaatilee seenaa gara milkaa’ina waaraatti jijjiiruun akka danda’amu imalli biyyattii agarsiistuudha.

Misoomni hundagaleessi fooyya’iinsa caaseffamaa diinagdeefi guddina ariifataa galma godhatee eegalame waggoota shanan dhufanitti bu’aan isaa mana tokkoon tokkoo Itiyoophiyaanotaa seena.

Mihiret Damiseen.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.